Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech pirojektoota magaalattiitti hojjetamaa jiran daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 27, 2017 (FBC)–Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen pirojektoota magaalaattiitti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, guyyaa kaleessaa magaalattiitti pirojaktoota ijaarsa bu’uuraa irratti argaman daawwachuun gamaggamuu himaniiru.

magaalattii giddugala konfiraansii fi hawwattuu turizimii taasisuuf tattaaffii eegalame kan mirkaneessan, dadammaqinsa diinagdee kan uuman, jiraattotaaf carraa hojii bal’aa kan uuman, Igzibiishinii fi Giddugala Konfiraansii Idil Addunyaa Addis fi, Daandii Qilleensaa-Giddugala Gooron Addis Intarnaashinaal Konveenshin waliin daandii wal qunnamsiisu, ijaarsaa fi hojiilee misooma Ashaaraa Magariisaa sadarkaa irra jiran daawwachuu dubbata.

Pirojaktoonni qulqullina barbaadamuun xumura irratti kan argaman yoo ta’u, dafanii xumuramanii gara tajaajilaatti akka galan itti dhiyeenyaan hordoffii taasisaa jiraachuu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.