Fana: At a Speed of Life!

Nageenya biyyaalessaa waareessuuf olaantummaa seeraa mirkaneessuun dhimma ijoodha – Pir. Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Fulbaana 27, 2017 (FBC) – Nageenya biyyaalessaa waareessuuf olaantummaa seeraa mirkaneessuun dhimma ijoo ta’uu Pireezidaantii FDRI ta’uun kan moggaafaman Taayyee Atsiqasillaaseen ibsan.

Nageenya lammiilee kabachiisuuf hojiilee hojjetamu keessatti hundi qooda isaa akka bahu gaafataniiru.

Balballi Mootummaa ammaas nageenyaaf banaa ta’uu eeruun, mootummaan rakkoo jiru karaa nagaan furuuf yoomiyyuu qophii ta’uu dubbataniiru.

Adeemsaaleen humna fayyadamuun fedhii siyaasaa guuttachuuf taasiifamu kamuu fudhatama hin qabu jedhan.

Qaamolee duudhaa walummaa laaffisuun ummata walitti buusuuf socho’anirratti mootummaan tarkaanfii kan fudhatu ta’uu eeraniiru.

Qaala’iinsa jireenyaa fi hanna ummataatti qormaata ta’aa jiru haala hiikkaa qabuun furuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Sirna haqaa fayyaalessa ta’e ijaaruu fi qabiinsa mirga namoomaa caalmaatti fooyyessuuf tattaaffiin taasiifamaa jiraachuu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.