Fana: At a Speed of Life!

Guddina Dinagdee %8.4 galmeessuuf tattaaffii ni taasifama-Pireezidaantii FDRI

Finfinnee, Fulbaana 27, 2017 (FBC)– Itiyoophiyaatti Guddina %8.4 galmeessuuf tattaaffiin ni taasifama jedha Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.

Pireezidaantii FDRI haaraa ta’uun kan Moggaafaman Taayyee Atsiqasillaaseen sirna baniinsaa waloo Mana maree Bakka Bu’ootaa Ummataa fi Mana Maree Federeeshiniif haasawaa baniinsaa taasisaniiru.

Pireezidaanti Taayyeen haasawaa isaaniin dameewwan guddina diinagdee biyyattiitti galmaa’aa jiran, sagantaalee sadarkaa biyyaalessaatti bocamuun hojjetamaa jiraniin bu’aalee galmaa’aanii fi jijjirama dhufaan, mootummaan biyyatti gara guddinaatti ceesisuuf kutannoo argisiiseen milkaa’inaalee galmaa’an kaasaniiru.

Dameewwan qonnaa, invastimantii, daldalda alaa, maanufaakchariingii, faayinaansiin jijjiiramoota galmaa’anis yaadachiisaniiru.

Bu’uuraalee misoomaa guddina hawaasaa saffisiisan, diinagdee biyyatti tarkaanfachiisaaniin bu’aawwan jajjabeessan galmaa’uus dubbataniiru.

Kana malees misooma kooriidariin hojiilee milkaa’oon hojjetamuu kaasanii, muuxannoowwan damee kanaan argaman gara magaalota biyyattii biroottis babal’ifamaa akka jiran himaniiru.

Bara baajataa kanattis damee diinagdee fi oomishaan bu’aalee jajjabeessaa galmeessuuf dhimmota xiyyeeffannoon kennamuuf akeekaniiru.

Haaluma kanaan damee qonnaa jijjiirama qabeenya qilleensaan hinraafamne ijaaruuf, makkaanaayizeeshinii jallisii cimsuu, dhiyeessii galteef bu’aa qabeessummaa imammata maallaqaa mirkaneessuu, damee konistiraakshiii hogganuu fi bulchuun dandeetti dhaabbatummaa cimaa uumuun dhimmoota xiyyeeffataman ta’uu himaniiru.

Haala invastimantii jajjabeessuun naannawaa invastimantii fooyyeessuu, seeraa alummaa damee tajaajilaa qajeelchuu, waggoottan darban dadammaqiina damee faayinaansiin mul’atan itti fufsiisuun guddina %8.4 galmeessuuf akka tattaaffatamu akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.