Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee, Caamsaa 5, 2012 (FBC) – Faransaay Ityoophiyaaf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 40 taasifte

Finfinnee, Caamsaa 5, 2012 (FBC) – Faransaay Ityoophiyaaf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 40 taasifte.
 
Minisitirri Maallaqaa Ityoophiyaa obbo Ahimad Shidee fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay Firaandeeriik Boonteem deeggarsa kana ifoomsaniiru.
 
Deeggarsi kun weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf kan oolu Eejansii Misooma Faransaayirra aragme jedhame.
Mootummaan karoora ariifachiisaa hojiirra oolchuuf tattaaffii taasisu milkeessuuf shoora guddaa qaba jedhameera.
 
Keessattuu ce’umsa diinagdee fiixaan baasuuf kan gargaaru ta’uu himameera.
 
Deeggarsi kun maallaqaa Faransaay diinagdee Ityoophiyaa tumsuuf taasiftu Yuuroo miiliyoona 85 keessa qaama tokko ta’uus ibsameera.
 
Preezdaantiin Faransaay Imaanuu’eel Maakroon bara Faranjoota darbe wayita Ityoophiyaatti daawwaanaa hojii taasisan walii galtee kana mallatteessuun isaanii kan yaadatamuudha.
 
Eejansiin Misooma Faransaay Ityoophiyaatti Yuuroo miiliyoona dhibba 5 ol tumsa taasisu isaa ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Faransaayirraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.