Fana: At a Speed of Life!

Balaa Tiraafikaan Lubbuun namoota 2 darbe

Finfinnee, Fulbaana 27, 2017 (FBC)–Naannoo Kibba Lixaa Itiyoophiyaa Godina Daawuroo Aanaa loomaa Boosaatti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 2 darbuun ibsame.

Balichi konkolaataan fe’umsaa godina Koontaa gara Walaayittaa Sooddootti imalaa ture garagaluun kan mudate ta’uun eerameera.

Balichaan lubbuun namoota 2 kan darbe yoo ta’u,namoota 2 irra immoo miidhaan qaamaa qaqqabuu ragaan kominikeeshini Godina Walaayittaarra argame ni mul’isa.

Ka’imsi balichaa qoratamaa jiraachuun ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.