Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin mana maree lubummaa Ortodooksii Ityoophiyaa qulqulluu Sinoodoosii eegalame

Finfinnee, Caamsaa 5, 2012 (FBC) – Yaa’iin mana maree lubummaa Ortodooksii Ityoophiyaa qulqulluu Sinoodoosii eegalame.
 
Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa qulqulluu Abuna Maatiyaas sirna baniinsaa yaa’ichaarratti haasawaa taasisaniin, ‘yeroo kun biyya keenyaafis ta’e mana amantaa keenyaaf yeroo qormaataati’ jedhan.
 
Adeemsi fi barsiifanni kaleessa yeroo kanatti goonkuma nu fayyadu jedhan.
 
Ummanni kallattii hundaan qormaataa fi dhippina sammuu keessa jira kan jedhan Paatriyaarkichi hawaasa rakkoo kanarraa baraaruuf dureewwan amantaa adda durummaan hojjechuu qabu jedhan.
 
Miidhaa diinagdee fi hawaasummaa dhibeen koroonaan qaqqabsiisuun hunda dura kan miidhamuu ummata waan ta’eef kadhannaa fi gorsaan ummata keenya gargaaruu qabna jedhan.
 
Yeroo qormaataa kana darbuu kan dandeenyu hundi keenya yoo tokko taane jedhaniiru.
 
Tokkummaa fi waliigaltee uumuuf qaamni hundi hojjechuu akka qabu ibsaniiru.
 
Yaa’ii kanaan haala hojii qabatamaa keessa galuun itti danda’amurratti kana mari’atan akka ta’es himaniiru.
 
Weerara vaayrasichaa ittisuuf dhaabbilee amantaa, mootummaa fi miidiyaalee waliin hojiin qindoominaan hojjetame jajjabeessa ta’uu ibsaniiru.
 
Qulqulluu Abunee Maatiyaas hojiin kun cimee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.
 
Zaman Bayyanaatu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.