Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Hararii ergaa baga Ayyaana Irreechaatiin isin gahee dabarse

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC)-Mootummaan Naannoo Hararii Irreechaa ilaalchisuun ergaa baga Ayyaana Irreechaatiin isin gahee dabarseera.

Ergaa isaan Ummata Oromoo biratti bifa miidhagaan kan kabajamu ayyaanni Irreechaa yeroo Birraan bari’u fi dukkanarraa gara ifaatti cehamu Waaqa galateeffachuuf ayyaana kabajamuu ta’uu kaseera.

Irreechi qabeenya hawaasummaa, diinagdee, siyaasaa ta’uu irra darbee duudhaa tokkummaa, waliin jireenyaa fi waliin dhaabbachuu cimsu ta’uu ibseera.

Irreechi obbolummaa ummataa kan cimsuu fi turiizimii biyya keessaa guddisuuf faayidaa olaanaa akka qabu eeruun, mootummaan naannichaa baroota darbanii asitti Aadaa, duudhaa fi seenaa Oromoo guddisuuf hojiiwwan garaagaraa hojjachaa akka jiru himeera.

Ayyaana Irreechaa ilaalchisee hubannoo guddisuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira jedheera.

Mootummaan Naannichaa Ayyaana Irreechaa bara kana kabajamu bifa sabaa fi sablammoota biroo hirmaachiseen nagaa fi bifa miidhagaan akka kabajamu abdii qabu eereera.

Yeroo ayyaanicha kabajnu bifa Aadaa, duudhaa eeggatee fi cimsuun kabajuun dhaloota boruuf akka darbutti ta’uu akka qaba dhaameera.

Hirmaattonni ayaanichaas tokkummaa fi obbolummaa cimsuu fi nageenya mirkaneessuun akka xumuramu gahee isaanii akka bahan waamicha dhiheesseera.

Mootummaan Naannichaa ayyaanni Irreecha baranaa akkuma kanaan duraatti ayyaana nagaa, jaalalaa, obbolummaa fi waloo akka ta’u hawwii garii qabuu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.