Fana: At a Speed of Life!

Hirmaattota Irreechaaf konkolaattonni geejjiba ummataa kumni 1 fi 457 qophaa’uun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC)- Hirmaattota Irreecha Hora finfinnee fi Harsadeef konkolaattonni geejjiba ummataa kumni 1 fi 457 qophaa’uun ibsame

Ministitti ministeeraa geejjibaa fi loojistiksii, tajaajilaa geejjibaa Paabilikii fi Biiroo geejjibaa bulchiinsaa magaalaa finfinnee waliin ta’uun hirmaattota ayyaanaa irrechaaf gara Finfinnee fi Bishooftutti imalan hanqinni geejjibaa akka hinmudanne qophii gahaan taasifamuu beeksiseera.

Miisteerichi ibsa baaseen akka beeksisetti Karrawwan Finfinnee Shanan irraa eegalee graa naannwaa kabaja ayyaanichaatti Awutoobisoonni Magaalaa 907, Awutoobisootaa Geejjibaa Ummataa 400 qophaa’aniiru.

Irreecha horaa Harsadee Bishooftuutti kabajmauuf ammoo konkolaattota qaxxaamura biyyaa fi giddigaleessaa 150 qophaa’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Haaluma kanaan taaksiiwwan utuu hindabalanne ayyaanichaaf konkolaattoota tajaajilaa geejjibaa kennan kumni 1 fi 457 qophaa’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.