Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan jijjiiramaa cabiinsa seenaa sirreessuuf waggaa 6 dura Irreecha Hora Finfinnee murteesse – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC) – Fooramiin Irreechaa 6ffaan mata duree “Irreecha keenya Haaromsa Aadaa keenyaaf” jedhuun gaggeeffamaa.

Mootummaan jijjiiramaa cabiinsa seenaa sirreessuuf waggaa 6 dura Irreecha Hora Finfinnee murteessuu Fooramicharratti kan hirmaatan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.

Yeroo ammaas ayyaanni Irreechaa kan Oromoo qofa osoo hin taane qaamota adda addaa lammiilee alaafi keessaa biratti beekameera jedhan.

Irreechi kan aadaafi duudhaa keenya ittiin calaqqisiisnudhas jechuun ibsinuudha jedhan.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee haasaa taasisaniin gatii hoggantootniifi wareegamtoonni kaffalaniin Oromoon qe’ee isaatti erga Irreeffachuutti jalqababee barana waggaa 6ffaa ta’uu ibsaniiru.

Irreechis duudhaa sirna Gadaa mallattoo tokkummaa,jaalalaa,obbolummaa,araaraafi nagaa ta’uu ibsanii, Seensa Finfinnee shanan irratti uummata simachuun waan qabu irraa qoodee keessummeessaa jira jedhan.

Uummanni Oromoo dilbii kuufama aadaa Sirna Gadaa addunyaaf gumaachuu Hoggantuun Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruun himaniiru.

Irreecha beeksisuuf hojii mootummaan jijjiiramaa hojjeteen malkaawwan cufamanii turan banamuus himaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas yeroo kamiyyuu caalaa afaan,aadaa,aartii,seenaafi beekumsa Oromoon guddisuuf hojjechaa jiraachuu himuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.