Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti har’aa eegalee hanga Wiixata Ganamaatti sosochiin Geejjiba Doqdoqqee dhorkame

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun har’a guyyaa sa’aatii 6:00 eegalee hanga Wiixata ganamaatti sosochiin Geejjiba Doqdoqqee dhorkamuu Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Har’a guyyaa sa’aatii 6:00 eegalee hanga Wiixata ganama sa’aatii 12:00tti geejjibni Doqdoqqee kamuu dhorkamuu Biirichi ibseera.

Qaamoleen dhimmi ilaallatu murtoo kana hojiirra akka oolchaan biirichi yaadachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.