Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaanoota Libaanositti rakkoof saaxilamoo ta’an gara biyyaatti deebisuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 22, 2017 (FBC) –Haala waaqtawaa Libaanositti mudate hordofee Itiyoophiyaanoota rakkoof saaxilamoo ta’an gara biyyaatti deebisuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Koreen Biyyaalessaa Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon durfamu haala waaqtawaa Libaanositti mudateen Itiyoophiyaanoota rakkoof saaxilamoo ta’an akkaata gara biyyaattii deebisuun danda’amurratti mari’ateera.

Haaluma kanaan Beerut Waajjira Qoontsila Itiyoophiyaatti galmeen humna namaafi teeknooloojjiin deeggarame akka gaggeeffamuuf kallattiin kaa’ameera.

Korichi lammiilee rakkoo nageenyaaf saaxilamoo ta’an adda baasuun filannoowwan hunda fayyadamuun gara biyyaatti deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuun ibsamu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.