Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan waldhabdeen Giddugalaa Bahaa akka dhaabbatu gaafatte

Finfinnee, Fulbaana 22, 2017 (FBC) – Chaayinaan waldhabdeen Giddugalaa Bahaa hatattamaan akka dhaabbatu gaafatte.

Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa ibsa baaseen,muddamni Giddugalaa Bahaa jiru yaaddessaa ta’uu eereera.

Sarbamuu Birmaddummaa, nageeyaa fi tokkummaa bulchiinsaa Libaanoos Beejingi kan mormitu ta’uu eeruun, Sosochiiwwan walitti bu’iinsicha leellisaanii fi muddamicha hammeessan akka dhaabbatan gaafatte.

Hawaasni Idil Addunyaa dhimmicha ilaalchiisee qooda irra eegamu akka bahatu akeekachiisteti.

Waraanni Gaazaatti eegale walitti bu’iinsa yeroo ammaa Giddugalaa Bahaatti gaggeeffamaa jiruuf ka’umsa ta’uu Chaayinaan ni amanti jedheera.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu waaraa saffisaan akka taasifamu qaamni hundi hojjechuu akka qaban akeekte.

Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.