Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Finfinnee bara kana barattoota kuma 5 fi 300 simatee barsiisuuf qophii xumuruu ibse

Finfinnee, Fulbaana 22, 2017 (FBC) – Yuunivarsiitiin Finfinnee bara kana barattoota ulaagaa guutan kuma 5 fi 300 simatee barsiisuuf qophii xumuruu beeksiseera.

Itti Aanaan Pireezidaantii Akkaadaamii Yuunivarsiitichaa Dooktar Jeelloo Umar simannaa barattootaa fi qophii waliigalaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Yuunivarsiitichi kan ofiin of bulchu ta’uu hordofee ulaagaa mataa isaan barattoota simachuun barsiisuuf adeemsarra jiraachuu eeraniiru.

Haaluma kanaan bara barnootaa 2017 barattoota ulaagaa guutan kuma 5 fi 300 simachuun barsiisuuf qophii xumuruu Dooktar Jeelloon himaniiru.

Barattoota baasii mootummaan barachuuf galmaa’an kuma 4 fi 402 keessaa barattoonni kumni 2 fi 660 qormaata ce’umsaa darbuu eeraniiru.

Barattoota baasii dhuunfaa isaaniin barachuuf galmaa’an kuma 7 fi 537 keessaa kumni 2 fi 640 darbuus dubbataniiru.

Barattoota kanneen keessaa kan qormaata kutaa12ffaa qabxii 500 ol galmeessan 200 carraa barnoota bilisaa kan argatan ta’uu mirkaneessaniiru.

Ulaagaan haaraan kun dubartootaa fi qaama miidhamtoota haala addaan fayyadamoo kan taasiisu ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.