Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Kaasahuun Goofeen hoggantoota Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 22, 2017 (FBC) –Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen hoggantoota Baankii Addunyaa waliin mari’ataniiru.

Tattaaffii Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa ta’uuf taasiisaa jirtu haala tumsuun danda’amurratti mari’achuu ibsaniiru.

Dooktar Kaasahuun adeemsaa fi tarkaanfiiwwan Itiyoophiyaan miseensa dhaabbatichaa ta’uuf fudhachaa jirtu, murannoo fi qophummaa mootummaa ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Baankiin Addunyaa tattaafficha akka tumsu gaafataniiru.

Hoggantoonni baankichaas adeemsaa fi tattaaffii Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa ta’uuf taasiisaa jirtu dinqisiifachuun tumsa barbaachisu kan taasiisan ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.