Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti sakatta’iinsi COVID -19 mana manarraa marsaa 2ffaan eegalame

Finfinnee, Caamsaa 5, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti sakatta’iinsi COVID -19 mana manarraa elektirooniksiin deeggarame marsaa 2ffaan eegalamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Sakatta’iinsi eegalame kun ariitiin weeraricha to’achuuf tattaaffii godhamu deeggaruuf shoora olaanaa qabaachuu Ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsaniiru.
 
Dagannaa fi maal nadhibeen yeroo ammaa muul’atu dhaabbachuu akka qabu Dooktar Darajjeen dabaluun ibsaniiru.
 
Foo’insi mana manarraa marsaa 2ffaa kun hanqinaalee muul’atan furuun weeraricha ittisuu keessatti bu’aa gaarii galmeessuu akka danda’u hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa magaalaa Finfinnee Dooktar Muulgeetaa Indaalaa himaniiru.
 
Foo’insa mana manaraa marsaa duraan kutaa hawaasaa miiliyoona 3.1 qaqqabuun danda’ameera jedhan.
 
Foo’insi marsaa 2ffaa elektirooniiksiin deeggarame kun galma akka ga’uuf hawaasni deeggarsa barbaachis gochuu akka qaban Dooktar Muulgeetan waamicha dhiyeessaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.