Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti miseensonni raayyaa nageenyaa eebbifaman

Finfinnee, Fulbaana 22, 2017 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti miseensonni raayyaa nageenyaa leenjii adda addaa fudhataa turan eebbifaman.
Biiroon Bulchiinsaaf Nageenyaa magaalaa Finfinnee miseensota Raayyaa Nageenyaa leenjisaa ture kuma 11 ol har’a eebbisiiseera.
Eebbifamtoonni kunneen kutaalee magaalaa Finfinnee hundarraa kan walitti babba’an ta’uu ibsameera.
Hoggantuu Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa fi Komishinara Komishinii Poolisii magaalichaa Geetuu Argaaw dabalatee hoggantoonni mootummaa biroon saganticharratti argamaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.