Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilichi nageenya maamiltoota fi fe’umsaa isaaniif gahee olaanaa bahateera jedhame

Finfinnee, Fulbaana 21, 2017 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa bara baajataa xumurametti maamiltoota miiliyoona 14 keessummee fi fe’umsi isaanii sodaa nageeyaa tokko malee akka geejjibamu taasisuu keessatti gumaachi Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa olaanaa akka ture eerame.

Milkaa’ina galmaa’eef hoggantootaa fi hojjettota akkasumas qaamolee dhimmichi ilaallatuu gumaacha taasisaniif beekkamtiin kennameera.

Manni hojii tajaajilichaa ergama kennameef keessaa nageenya indaastirii Aviyeeshinii Itiyoophiyaa mirkaneessuu ta’uun eerameera.

Haaluma kanaan sadarkaa Ardii Afriikaa fi Idil Addunyaatti maqaa gariin kan beekamuu Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa maamiltoota biyyaa keessaa fi alaa miiliyoona 14 keessummeessee fi fe’umsa isaanii soda nageenyaa tokko malee akka geejjibaman taasisuun ibsameera.

Dhaabbatichi ogeeyyii leenjisuu, teeknooloojiiwwan haaraa hojiirra oolchuu fi qabeenyaa imaltootaarratti sakattaa’aa barbaachisaa taasisuun bara 2016 sodaan nageenyaa akka hinmudanne taasisuu tajaajilichi ibsa FBC’f ergeen beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.