Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kibbaa meeshaalee yaalaa vaayrasii koroonaa fi maallaqa Ityoophiyaa deeggarte

Finfinnee, Caamsaa 4, 2012 (FBC) – Mootummaan Kooriyaa Kibbaa dhaabbilee biyyattii garaagaraa waliin ta’uun meeshaalaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf oolaan Ityoophiyaaf deeggarsa taasiseera.
 
Deeggarsichi kiitiiwwan qorannoo kuma 28 fi 33, haguuggii fuulaa kuma dhibba 1 fi kuma 50 fi 400 fi Saaniitaayzara Doolaara kuma 60tti timaammamu kan hammatuudha.
 
Dabalataan Birrii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf oolu miiliyoona 1.8 deeggarsaan laatteerti.
 
Deeggarsi argame weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tattaaffii godhamu kan cimsuu ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
 
Mootummaan Kooriyaa Kibbaa, Ityoophiyaatti hojiilee damee fayyaan hojjetamu hunda tumsaa kan jiru ta’uus himaniiru.
 
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Kooriyaa Kibbaa Huun Miin Liim gama isaaniin, mootummaan Kooriyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf Ityoophiyaa cinaa kan dhaabbatu ta’uu ibsaniiru.
 
Biyyattiin muuxxannoo weerara vaayrasii koroonaa ittisuurratti qabdu Ityoophiyaaf ni qooddi jedhan.
 
Kooriyaan Kibbaa deeggarsa Ityoophiyaaf taasiftu cimsitee itti fuftis jedhan.
 
Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.