Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuun tarkaanfiin fudhatamaa jira-Mootummaa Naannichaa

Finfinnee, Fulbaana 21, 2017 (FBC)- Naannoo Amaaraatti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetamaa jiruun tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu Mootummaa Naannichaa beeksise.

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Naannichaa Dooktar Mangashaa Faantaahuun fi Itti Gaafatamaan Hariiroo Ummataa Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Geetinnat Adaaneen hojii olaantummaa seeraa kabachuiisuu naannichatti gaggeeffamaa jiru ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsichaanis mootummaan naannichaa walitti bu’iinsa mudate karaa nagaan furuuf tattaaffiiwwan karaa nagaa hedduun irra deddeebiin taasisuu eerameera.

Mootummaan daandiilee furmaataa karaa nagaa hedduu diriirsuun rakkoolee jiran mariin furuuf yaalus akka yaadamee hintaane jedhameera.

Kana hordofees mootummaan dirqamee hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu fi nageenya waaraa mirkaneessuu hojjechaa jiraachuu kaasuun, Raayyaan Ittisaa fi mootummaan naannichaas hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu naannichatti gaggeeffamaa jiruu qindoominaan gaggeessaa jiraachuu ibsamuu ragaan miidiyaa naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.