Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa walga’ii gaggeesseen murtoo dabarse

Finfinnee, Fulbaana 21, 2017 (FBC)- Manni Maree Ministirooraa Walga’ii idilee 39ffaa gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Manni marichaa tarsiimoo galii bara giddugaleessaa 2017-2020 irratti mari’ateera.

Tarsiimichi karooraa misoomaa waggootaa 10 waliin akka walsimutti kan qophaa’e yoo ta’u guyyaa murtoo argatee eegalee hojiirra akka ooluu murtoo dabarseera.

Dabalataan manni marichaa wixineewwan labsii lama waliigaltee tajaajila qilleensaa Itiyoophiyaan mootummaa Rippaabilikii Maaltaa fi Chaad waliin mallatteessiterratti mari’ateera.

Wixineewwan labsischaarratti erga mari’ateen boodas Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti qajeelcheera.

Kana malees wixinee labsii konveenshinii qabeenyaa indaastirii Paariis irratti kan mari’ate yoo ta’u biyyoonni miseensa konveenshinichaa gamtoomuun qabeenya indaastirii fayyadamuu, abbummaa kalaqaa, modelootaa tajaajilaa, karoorawwan indaastirii, mallattoolee daldalaa, mallattoolee tajaajilaa, maqaa daldalaa, mallattoo akeektuu madda oomishaa fayyadamuu akkasumas dorgommii hinmallee ittisuu fi oomishaalee qonnaa fi oomishaalee umamaa kan hammatu ta’uun ibsameera.

Wixinicharratti erga mari’ateen boodas Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka qajeeluu sagalee guutuun murteesseera.

Gama biraatiin, mallattoolee idil addunyaa Pirotokoolii Waliigaltee Maadiriid waliin hidhata qabu raggaasisuuf wixinee labsii ba’errattis mari’ateera.

Pirotokoolichi mallattoolee daldalaa fi tajaajilaa eegumsa seeraa biyya keessatti taasifamutti dabalataan eegumsaa Idil Addunyaa akka artgatuuf kan tumsuudha jedhameera.

Haaluma kanaan pirotikoolicharratti erga mari’ateen boodas Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka qajeelfamu murteesseera.

Dhumarratti dambii tajaajila lammummaa fi immigireeshinii fi hojjettoota tajaajilichaa irratti mari’ateera.

Tajaajilchi aangoo fi qoodama hojii labsiin kennameef akka ba’atuuf, tajaajila si’ataa akka kennuuf, gaaffilee turtii yeroo paaspoortiirratti ka’an furuuf kan qophaa’e ta’uun ibsameera.

Manni marichaas wiixineewwan dambichaarratti bal’inaan erga mari’ateen booda guyyaa Gaazeexaa Nagaarit irratti maxxanfamee ba’ee eegaalee akka hojiirra oolu sagalee guutuun murtoo dabarseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.