Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Oomniipool Xiyyaara L 410 – NG jedhamu Itiyoophiyaaf dhiyeessuufi jedhame

Finfinnee, Fulbaana 20, 2017 (FBC) – Dhaabbata Riippaablika Cheek kan ta’e Oomniipool Xiyyaara L 410 – NG jedhamu Itiyoophiyaaf dhiyeessuuf ta’uu ibsameera.

Xiyyaarri kun namoota 19 fe’uu kan danda’uu fi faayidaa hedduu kan qabu xiyyaara Ammayyaa ta’uu waltajjii beeksisaa har’a gaggeeffameerratti himameera.

Itiyoophiyaa fi Riippaablikni Cheek hariiroo bara dheeraa qabaachuu fi hariiroo kana damee Ayiveeshiniin dabaluuf waltajjiin har’a gaggeeffame haala kan mijeessu ta’uu Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Ayiveeshinii Itiyoophiyaa Obbo Getaachoo Mangisteen himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.