Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech sadarkaa hojiilee misooma kooriidarii fi deebisanii misoomsuu hojjetamaa jiran daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 20, 2017 (FBC)-Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hojiilee misooma kooriidariin terminaalota Taaksii fi Awutoobisoota, Paarkiiwwan Konkolaattotaa akkasumaas hojiilee Birbirsa Gooroo (Piyaasaa) deebisanii misoomsuu sadarkaa irratti argamu daawwachuu himan.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, hojiilee misooma kooridarii gaggeeffamaniin tajaajila hawaasaaf banaa taasisuutti dabalataan, sirna sochii tiraafikaa magaalatti akka saffisiisaniif terminaalotaa geejjiba ummataaf oolan keessaa 11 kan ta’an darbii 2 hanga 3 lafa jalattii fi lafaa olitti ijaaramaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Haaluma kanaan Araat Kiilootti, Birbirsa Gooroo, Baaroo Kormaa Addabaabaayii Tewoodiroositti, naannawaa Baashaa Waldee, Naannawaa Addabaabayii Dagool, Naannawaa Riqicha Boolee, naannawaa Danbal, Calcalii, Naannawaa Qabbannaa, Magganaanyaa fi CMC’tti terminaalota taaksii fi Awutoobisootaa ijaaramaa jiran yeroo qabameef keessatti xumuramuun tajaajilaaf banaa taasisuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataan hojiileen misooma kooriidarii, naannawaa daandiilee ijoo qofaatti utuu hintaane daandiilee keessoo dabalatee magaalattii jireenyaaf mijattuu fi sadarkaa idil addunyaa kan eeggatte taasisuuf bu’uuraalee misoomaa garaagaraa eegalaman kan hammatuudha jedhan.

Hojiilee kanneenis jiraattota magaalattiif carraa hojii uumaa jiraachuu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.