Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Baankii Addunyaa waliin waliigaltee Doolaara miiliyoona 70 mallatteessite

Finfinnee, Fulbaana 20, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaan raawwii pirojektii sirna bulchiisaa ammaayyaaf kan oolu waliigaltee Doolaara miiliyoona 70 Baankii Addunya waliin mallatteessite.

Maallaqichi yeroo dheeraan kan kaffalamu yoo ta’u, Itiyoophiyaatti sirna bulchiinsaa saffisiisuu fi ammayyeessuuf kan ooludha jedhameera.

Pirojektichi dandeettii Faayinsaansii fi humna namaa walitti qabuu akkasuma dandeetti bulchiinsaa guddisuuf hojiilee gaggeeffamaa jiran guddisuuf kan tumsu ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.