Fana: At a Speed of Life!

Maamiltoonni waliin dhooftotarraa akka of eegan baankichi hubachiise

Finfinnee, Fulbaana 20, 2017 (FBC) – Waliin Dhooftonni maloota adda addaa fayyadamuun hanna maallaqaa fi ragaa raawwatanurraa maamiltoonni akka of eegatan Baankiin Daldala Itiyoophiyaa hubachiiseera.

Yeroo dhiyoo as miidiyaalee hawaasummaa fayyadamuun beeksisoota dogogoraa tamsaasuun yaalii waliin dhahuu garaagaraa raawwachuun babal’achaa dhufuu himeera.

Waliin dhooftoonni kunneen maqaa Baankii Daldala Itiyoophiyaan ergaa dogogoraa dabarsaa jiraachuu himeera.

Maqaa fi beekamtii baankichaa fayyadamuun hojmaata seeraan alaa raawwatamaa jirurraa maamiltoonni akka of eegatan hubachiiseera.

Maamiltoonni waayita haalli kun isaan mudate sirrummaa isaa osoo hin mirkaneeffatin tarkaanfii kamiiyyuu fudhachuurraa akka of qusatan gaafateera.

Damee baankichaa dhiheenyatti argamuu fi Lakkoofsa bilbilaa 951 irratti bilbiluun waa’ee dhimmichaa qulqulleeffachuu akka qaban yaadachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.