Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis Waajjira Ganda Baadiyyaa Ukkee daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 20, 2017 (FBC)-Jilli Pireezidaanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaatti Waajjira Ganda Baadiyyaa Ukkee daawwataniiru.

Daawwannicharratti Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa akka jjedhanitti murteen gurmaa’insa caasaa gandaa tajaajila mootummaa uummatatti dhiheessuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu fi Oromiyaa cimsuufi jedhan.

Caasaan kunis ce’umsa sirnaa cimaa uumuun imaammataa fi tarsiimoo lafa qabsiisuu fi humna waloo uummataa cimsuuf yaadamee ta’uus himaniiru.

Rakkoolee bu’uuraalee misoomaa hawaasni qabu furuuf ni hojjetama jechuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarra argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.