Fana: At a Speed of Life!

Gumiin Balal marsaa 38ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 20, 2017 (FBC)- Waltajjiin Gumii Balal marsaa 38ffaan mata duree “Irreechi Ibsituu Abdii fi Hawwii Gaariiti” jedhuun gaggeeffamaa jjra.

Waltajjicharratti Hogganaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaa Hoggantuu Biiroo Adaafi Tuuriizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu, hayyoonni aadaa fi seenaa yuunivarstiiwwan adda adda irraa babba’anii fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.

Aadde Jamiilaa Simbiruu waltajjiicharratti haasaa taasisaniin Irreechi ayyaana guddaa Oromoo bira darbee walitti dhufeenya sabaaf sablammootaa cimsuu fi calaqqee tokkummaa, araaraa, nageenyaa ta’uu ibsaniiru.

Irreechi nagaa, tokkummaa, waloomaa fi faajjii waloo ta’uu kaasanii Oromoon duudhaa isaa ganamaatti deebi’uu fi dhalootaatti akka hojiileen olaanoon hojjetamuu dubbataniiru.

Waltajjicharratti Waraqaan qorannoo dhihaachuun irratti mari’atamaa jira.

Irreechi baranaa mata duree “Irreechi Keenya Haaromsa Aadaa Keenyaaf” jedhuun Fulbaana 25 hora Finfinneetti, Fulbaana 26 ammoo hora Harsadeetti akka kabajamu himameera.

Amartii Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.