Fana: At a Speed of Life!

Irreecharratti fayyaa hawaasaa eeguuf qophiin barbaachisaan taasifamuun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 20, 2017 (FBC)- Irreecha Fulbaana 25 fi 26, 2017 kabajamu ilaalchisee fayyaa hawaasaa ayyaanicharratti hirmaatu eegsisuuf qophiin taasifamuun ibsame.
Biiroon Fayyaa Oromiyaa Gumii Abbootii Gadaa waliin waltajjii marii gaggeesseera.
Waltajjicharratti Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Bokonaa Guutaan haasawaa taasisaniin Ayyaanni Irreechaa calaqqee ittiin Oromoon Addunyaatti mul’ateedha jedhan.
Dhimmi Fayyaa murteessaa ta’uu kan dubbatan Dooktar Bokonaan irreecharratti fayyaa hawaasaa eeguuf Waldaa Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun qophiin barbaachisaan taasifamuu eeraniiru.
Namni dhukkuboota daddarboon of shakku wal’aansa akka argatuuf haalli mijachuu himanii, namni walutubee waltiskuun kan kufe kaasee, kan dhukkubsate yaalchisuu akka qabus dhaamaniiru.
Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Bishooftuu Obbo Gazaany Dajanee gama isaaniin Irreechaarratti hawaasni bal’aan waan hirmaatuuf eggannoo fayyaa taasisuuf iddoowwan 14’tti dunkaana tajaajila wal’aansaa yeroo hundeessuuf qophiin taasifamuu eeraniiru.
Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.