Fana: At a Speed of Life!

Qonni magaalaa damee qonnaa gabbisuurra darbee dinagdee magaalaa fi hojii uumuu ni guddisa-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 20, 2017 (FBC)-Qonni Magaalaa damee qonnaa gabbisuurra darbee diinagdee magaalaa fi hojii uumuu ni guddisa jedhan Minisitirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawasummaa isaaniin akka ibsanitti, hojii qonnaa magaalaa qaama tarsiimoo jireenya magaalaa taasisuun yoo babal’ifnu, humna ceesisuusaarratti hubannoo qulqullaawaa qabanneeti jedhan.
Qonni magaalaa damee qonnaa gabbisuurra darbee dinagdee magaalaa fi hojii uumuu ni guddisa jedhanii, wabii nyaataa sadarkaa biyyaatti akka gabbisuu fi hojii misooma magaalaa akka deeggaru dubbataniiru.
Fayyadamtootas kallattiidhaan qonnaan bultoota naannichatti omishan waliin akka walqunnamsiisu himaniiru.
“Bakka muraasa kan akka keenyanii fi qonna irraan olee akkasumas meeshaalee deebisanii itti fayyadamuudhaan qonnaaf oolchinee omistummaa guddisnee dhiibbaa naannawaa hir’isuu dandeenyeerra” jedhan.
Hojiin kun sadarkaa biyyaatti humna qonni magaalaa qabu mul’isuun magaalotii keenyaa bifa haaraa uumuun, dinagdee keenyas jabeessuun bu’aa dinqisiisaa agarsiisaa akka jiru kaasaniiru.
Warri hojii kanarratti hirmaatan hundi tattaaffiisaanii caalaatti akka cimsan akkasumas hojii guddachaa jiruu fi egeree waaraa magaalota keenyaa mirkaneessurratti warri kaanis akka hirmaatan akka jajjabeessan dhaamaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.