Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Itiyoophiyaa haleellaa Magaalaa Moqaadishootti raawwatame balaaleffate

Finfinnee, Fulbaana 19, 2017 (FBC) – Mootummaan Itiyoophiyaa haleellaa shororkeessummaa Somaaliyaa Magaalaa Moqaadishootti raawwatame kan balaaleffatu ta’uu beeksise.

Ministeera Dhimma Alaa FDRI haleellaa kana ilaalchisee ibsa baaseen mootummaan Itiyoophiyaa haleellaa raawwatame kan balaaleffatu ta’uu himeera.

Miidhaa lubbuu namaa fi qabeenyarra qaqqabeef gaddi itti dhaga’amuu ibseera.

Mootummaan Itiyoophiyaa Shororkeessummaa qolachuuf Mootummaa fi Ummata Somaaliyaa cinaa kan dhaabbatu ta’uu mirkaneesseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.