Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin sosochii oomishtummaa fi qulqullina Bunaarratti xiyyeeffatu Magaalaa Naqamteetti taa’amaa jira

Finfinnee, Fulbaana 19, 2017 (FBC) – Waltajjiin sosochii oomishtummaa fi qulqullina Bunaarratti xiyyeeffatu bakka Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan argamanitti Magaalaa Naqamteetti taa’amaa jira.

Hoggantoonni Olaanaa mootummaa Federaalaa, Naannolee fi qaamoleen garagaraa waltajjii kanarratti argamaniiru.

Waltajjii kanarratti qooda fudhattoonni godinaalee Lixa Oromiyaa Buna oomishaan 7 hirmaataa jiraachuu eerameera.

Haala oomisha Bunaa guddisuufi qulqullina isaa dabaluun dandaa’amurratti mari’atamaa jira.

Dassaalenyi Abaraattu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.