Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Qorannoo idil Addunyaa ‘UNESCO’ boruu eegalee Finfinneetti gaggeeffama

Finfinnee, Fulbaana 19, 2017 (FBC) – Fooramiin Qorannoo idil Addunyaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii ‘UNESCO’ boruu eegalee Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu Gamtaan Afrikaa beeksiseera.

Fooramichi Fulbaana 20 -22, 2017tti kan gaggeeffamu yoo ta’uu, Dhaabbanni Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii fi Komishiniin Gamtaa Afrikaa waloon qopheessuu eerameera.

Fooramichi Afrikaa keessatti dandeettii qorannoo hunda galeessaa fi tumsaa cimsuu, misooma itti fufiinsa qabu kan beekumsa giddu galeessa godhate uumuu fi qorannoo Kibbaa fi Kibbaa hunda hammate cimsuurratti kan xiyyeeffatu ta’uu TOI gabaaseera.

Mata duree ‘ce’umsa beekumsaa Egeree Afrikaaf’ jedhuun fooramii taa’amu ta’uu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.