Fana: At a Speed of Life!

Qorichi dhibee Busaa ‘Artimeter’ jedhamu dhorkame

Finfinnee,Fulbaana 18,2017 (FBC)_Qorichi dhibee Busaa ‘Artimeter’ jedhamu lilmoon kennamu hojiiraa akka hin oolle dhorkameera.

Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaalee Itiyoophiyaa, qorannoo gabaa gaggeesseen qorichichi Artimeter jedhamu lakkoofsa Koodii 231104 SPF qabu Abbaa Taayitichaan kan hin galmoofne ta’uu ibseera.

Samuuda qoricha kanaa fudhachuun qorannoo laaboraatoorii gaggeesseen ‘Artimeter ‘waan jedhamuu kan of keessaa hin qabne ta’uu ragaan Abbaa Taayitichaa ni mul’isa.

Haaluma kanaan Ogeeyyiin Fayyaa namni kamuu qorichichaa akka hin fayyadamne hubachiisaniiru

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.