Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen hammattoo tumsa Laga Naayil mul’ata biyyoota yaa’ichaa kan dhugoomsuudha- Amb. Taayyee

Finfinnee, Fulbaana 18, 2017 (FBC)-Waliigalteen hammattoo tumsa Laga Naayil mul’ata guddinaa fi waloon badhaadhu Biyyoota yaa’ichaa kan dhugoomsuudha jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen.

Ambaasaaddar Taayyeen Yaa’ii waliigalaa 79ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ameerikaa Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jirurratti haasawaa taasiisaniin, hammattichi gara boqonnaa hojiiraa oolmaatti seenuuf akka jiru ibsaniiru.

Waliigaltichi itti fayyadama qabeenya bishaanii haqa qabeessaa fi madaalawa kan uumuudhas jedhan.

Waliigalteen hammattoo tumsa Laga Naayil mul’ata waloon guddachuu fi badhaadhuu biyyoota yaa’ichaa kan dhugoomsuu fi bu’uura seenaa qabeessa ta’uu himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.