Fana: At a Speed of Life!

Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’eel abbootii Amantaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 15, 2017 (FBC) – Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel ayyaana Damaraa ilaalchisee abbootii Amantaa waliin mari’ataniiru.

Ayyaanichi sodaa nageenyaa tokko malee akka kabajamu humni namaa gahaan ramadamuun hojjetamaa jiraachuu Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’eel ibsaniiru.

Poolisiin gurmaa’insa adda addaa uumuun hojii oppireeshinii eegaluu kaasaniiru.

Raayyaan Poolisii namuusa Poolisii kabachuun sakattoo kan gaggeessan ta’uu eeraniiru.

Sakannoon kun faayidaa waloof ta’uu hubachuun ummanni tumsa barbaachisu akka taasiisu gaafachuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Abbootiin amantaa maricharratti hirmaatan gama isaaniin, Ayyaanicha karaa nagaan akka kabajamu tattaaffii taasiifamaa jiru galateeffataniiru.

Hordoftoonni amantaa wantoota hin eeyyamamne qabachuurraa akka of qusatan gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.