Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Damaraa sodaa nageenyaa malee akka kabajamu qophiin teeknooloojiin deeggarame taasiifamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 15, 2017 (FBC) – Ayyaanni Damaraa Masqalaa sodaa nageenyaa tokko malee akka kabajamu qophiin teeknooloojiin deeggarame taasiifamuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiise.

Ayyaanicha rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaan akka kabajamu qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi Itti Gaafatamummaa isaanii sirnaan akka bahan Komishinarri Komishinii Poolisi Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel yaadachiisaniiru.

Qaamoleen ayyaanichi nagaan akka hin kabajamne rakkoo uumuuf socho’an jiraachuu Poolisii Magaalaa Finfinneetti Itti Aanaan Komishinaraa Damee Qorannoo Yakkaa Hasan Nagaash eeraniiru.

Gareen shororkeessitootaa fi Finxaaleyyii hedduun to’atamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu himuu ragaan Poolisii Federaalarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.