Fana: At a Speed of Life!

Kabajaa Ayyaana Damaraa Masqalaa sababeeffachuun daandiwwan tajaajila geejjibaaf cufaa ta’an ifooman

Finfinnee, Fulbaana 15, 2017 (FBC) –Ayyaana Damaraa Masqalaa guyyaa Boruu kabajamu sababeeffachuun daandiwwan tajaajila geejjibaaf cufaa ta’an ifoomaniiru.

Poolisiin Magaalaa Finfinnee Ayyaana Damaraa Addabaabayii Masqalaatti kabajamu sababeeffachuun Daandiwwan Boru waaree dura sa’aatii 5:00 eegalee tajaajila Geejjibaa cufaa ta’an ifoomseera.

• Daandiin Uraa’eelii gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu,

• Boolee gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Olompiyaatti,

• Masqal Filaawarii gara Olompiyaa fudhatu Addabaabayii Gaazeebootti,

• Agoonaa Siinimaa gara gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Addabaabayii Xilahuunitti,

• Ibsaa Laga Harree gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Ibsaa Laga Harreerratti,

• Qaxxaamura Teelee gara Istaadiyeemii fudhatu qaxxaamura Teeleetti,

• Hoteela Raasii gara Istaadiyeemii kan fudhatu Hoteela Raasitti,

•Ibsaa Harraambee gara gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Ibsaa Harraambeetti,

• Masaraa Biyyaaleessa gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Masaraa Biyyaaleessaatt,

• Sheelii Qarsaa gara Baambiis fudhatu Sheelii Qarsaa cinaatti,
• Hoteela Jippitarii gara ECA fudhatu Gamoo Saalkoot cinaatti kan cufamu ta’uu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.