Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Preezdaanti FDRI Saahilawarq Zawdee dabarsan

Finfinnee, Caamsaa 4, 2012 (FBC) –Preezdaanti Saahilawarq Zawdee waamicha Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii walta’insa idil addunyaa ilaalchisuun taasise deeggarsa isaani ibsuun ergaa dabarsan.
 
Preezdaanti Saahilawarq erga isaaniin sababa dhiibbaa weerarri vaayrasii koroonaa addunyaarran ga’en bu’uuraaleen hawaasummaa fi dinaagdee namoota miidhamuu kaasaniiru.
 
Namootni kuma dhibbatti lakkaa’aman lubbuu isaanii dhabuu, kanneen miiliyoona ta’an hojii dhabdummaaf yoo saaxilaman, damee diinagdeen addunyaan keenyi maallaqa Doolaara tiriiliyoonatti tilmaamamu dhabuu eeraniiru.
 
Keessumattuu, weerarichaaf saaxilamoo kan ta’an lammiileen biyyoota Afrikaa jiraatanirra ammoo dhiibbaa olaanaan ga’uu kaasaniiru.
 
Rakkinoota akka kana darbuuf waliin ta’uudhaanidha jedhan.
 
Weerara wayita ammaa addunyaa raasa jiru kana dagachuu jechuun du’a jechuudha kan jedhan Preezdaanti Saahilawarq, hundi keenya diinaa wal fakkataa waliinidha kan wal qabnee jiru jedhaniiru.
 
Duula taasifnu kan dhuunfa taasisuun vaayrasicha mo’achuun hin danda’amu, kanaaf waltaanee weeraricha injifachuuf haa dhamaanu jechuun ibsaniiru.
 
Vaayrasiin koroonaa eenyu kan adda hin baafne, addunyaa mara kan miidhudha jedhan.
 
Waayita kana vaayrasichaaf saaxilamoo kan ta’an dubartoota, daa’immanii fi qaama miidhamtoota eeguu fi kunuunsuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.