Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Addunyaa tattaaffii Tajaajila fayyaa hawaasa baadiyyaa waliin gahuuf taasifamu kan deeggaru ta’uu ibse

Finfinnee, Fulbaana 15, 2017 (FBC) – Baankiin Addunyaa tattaaffii Tajaajila fayyaa kutaalee hawaasa baadiyyaa waliin gahuuf taasifamu kan deeggaru ta’uu ibseera.

Hoggantoonni Olaanoon Baankii Addunyaa Tajaajila fayyaa kutaalee hawaasa baadiyyaa waliin gahuuf hojiilee Ministeera Fayyaan hojjatamaa jiran daawwataniiru.

Jilli kun Buufata Fayyaa Daa’immanii Magaalaa Bishooftuutti argamu daawwateera.

Buufanni fayyaa kun Itiyoophiyaatti uwwisa yaala fayyaa sadarkaa jalqabaa waliin gahuuf hojiilee hojjetamaa jiraniif agarsiiftuu ta’uu Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofesar Natsaannat Warqinaan eeraniiru.

Hoggantoonni kunneen tajaajila yaala fayyaa buufatichatti kennamaa jiran daawwachuu ragaan Ministeera Fayyaarraa aragme ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.