Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi yeroo kamuu caalaa miira tajaajiltummaan bu’aa qabeessummaaf hojjechuu qaba-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 14, 2017 (FBC)- Utubaalee ce’umsaa Biyyaa hirmaannaa fi qindoomina olaanaan milkeessuun Itiyoophiyaa badhaatee uumuuf hoggansi yeroo kamuu caalaa miira taajaajiltummaan bu’aa qabeessummaaf hojjechuu akka qabu Ministirri Muummee FDRI fi Pireezidaantiin Paartii Badhaadhinaa Dooktar Abiy Ahimad hubachisan.

Paartiin Badhaadhinaa guyyoottan 12’n darbaniif Magaala Adaamatti leenjii ijaarsa dandeettii hoggantoota olaanoo paartichaa kennamaa turerratti Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimd argamuun kallattii kennaniiru.

Partichi Mata duree “Humna mul’ataa guddina olaanaaf” jedhuun hoggansa olaanaa sadarkaa naannolee, bulchiinsa magaalotaa fi dhaabbilee federaalaarraa walitti babba’an kuma 2’f dhimmoota faayidaa hawaas-diinagdee fi siyaasaa badhaadhina Itiyoophiyaa borii fi dhaloota egereef haala mijataa uumuu danda’anirratti leenjii kenneera.

Hoggantoonni yeroo sirnaan fayyadamuun rakkoo ummataa sadarkaan jiru furuun olka’iinsa Itiyoophiyaa qabatamaan mirkaneessuuf leenjii dandeettii itti horatan ta’uu eeraniiru.

Egeree Itiyoophiyaa ijaaruuf hubannoo dandeessisu kan itti argatan ta’uu Pireezidaantiin Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Leenjichi biyya jijjiiruufis ta’e qabeenya horachuuf hoggantoonni naannolee biyyattii, magaalotaa fi dhaabbilee Federaalaa ergama Paartiirratti hubannoo gahaa gonfachuun bu’aa fooyya’aaf akka tattaafatan kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.

Hoggantummaan of kennuu, garaa bal’achuu fi kaayyoo milkeessuuf murannoo kan gaafatu ta’uus eeraniiru.

Leenjiin hoggantoota olaanoof kennamaa ture amalootaa fi qajeeltoowwan ijoo hoggansummaa sirnaan akka hubatan kan taasiise, jijjiirama saffisaa fi bu’aa qabeessa galmeessuuf dandeettii kan uume ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.