Fana: At a Speed of Life!

Somaaliyaan meeshaalee waraana humnoota alaatiin dhiyaatuun harka Shororkeessitootaati kufu malti-AmbaasaaddarTaayyee

Finfinnee, Fulbaana 13, 2017 (FBC) -Haala nageenyaa Somaaliyaa tasgabbaa’aa hin taanee keessatti meeshaaleen waraana humnoota alaatiin dhiyaatan biyyaattii harka shororkeessitootaati kufisuu malu jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen.

Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Barreessituu Olaantuu Dhimmoota Ijaarsa Nageenyaa fi Siyaasaa Roozmaarii Diikaarloo waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Taayyeen, Ejensiiwwan DhMG jala jiran Itiyoophiyaa waliin hariiroo hojii cimaa uumuun socho’aa jiraachuu dinqisifachuun, fulduraatti marii idilee gaggeessuun kan barbaachiisuu ta’uu kaasaniiru.

Dhimma Sudaan yeroo ammaarratti ibsa kan laatan Ambaasaaddar Taayyeen,biyyaattii keessatti nageenyi waaraa akka jiraatuuf hojii qindoomina qabu hojjechuun barbaachiisaa ta’uu ibsaniiru.

Dhimma Somaaliyaa yeroo ammaa ilaalchisee ibsa kan kennan yoo ta’uu Itiyoophiyaan Shororkeessummaa ittisuuf tattaaffii taasiftu cimsite kan itti fuftu ta’uu dubbataniiru.

Haaluma kanaan Somaaliyaan haala nageeya hin tasgabboofne keessatti meeshaalee waraana humnoota alaatiin dhiyaataniin harka shororkessitootaatti kufu malti sodaa jedhuu qabaachuu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.