Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan haleellaa shororkeessummaa Paakistaanitti raawwate balaaleffatte

Finfinnee, Fulbaana 13, 2017 (FBC)- Paakistaan naannawaa Bulchiinsa Kaaybar Paaktuunkiwaatti Ambaasaddar Itiyoophiyaa dabalatee jila biroo kan hammate ‘Dippilomaatik Konvey’ irratti haleellaa shororkeessummaa raawwate Itiyoophiyaan balaaleffatteetti.

Dippiloomaatota eegaa kan turanii fi haleellichaan kanneen lubbuun isaanii darbeef jajjabina hawweera.

Haleellichaa kan balaaleffatte Itiyoophiyaan, ummataa fi Mootummaa Paakistaaniif jajjabinaa hawwuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.