Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Nageenya bakka bu’ummaa Afrikaa haala mirkaneesseen akka gaggeeffamu Itiyoophiyaan gaafatte

Finfinnee, Fulbaana 13, 2017(FBC)-Fooyyessi Mana Maree Nageenya Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii bakka bu’ummaa Afrikaa haala mirkaneesseen akka gaggeeffamu Ministirri Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen gaafatan.

Jilli Itiyoophiyaa Ambaasaddara Taayyee Atsiqasillaaseen durfamu Yaa’ii Waliigalaa 79ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Inisheetiivii Barreessaa Olaanaa Dhaabbatichaa Antooniyoo Guutareez irratti hirmaataniiru.

Yaa’icharratti Ambaasaaddar Taayyeen haasawaa taasisaniin, fooyyeessiin Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii bakka bu’ummaa Afrikaa qabatamaan haala mirkaneessuun akka gaggeeffamu gaafataniiru.

Keessummaa fooyyessiin taasifamu sadarkaa bakka bu’ummaa Afrikaa madaalaa hundaan tilmaama keessa kan galche akka ta’u gaafataniiru.

Waliigaltichi biyyoota hunda haala walqixa ilaaluun Chaartara hundeeffama Dhabbata Mootummoota Gamtomanii utuu hinhir’isiin akka hojiirra oolu taasisuuf gahee gama isaa akka bahatu abdii qaban ibsaniiru.

Yaa’ii fuuldureerratti riifoormii dippiloomaasii damee hundaa taasisuuf dhalootaaf carraa akka ta’u kan eegamu sanada yaa’ichaarratti deegarsa biyyoonni 143 ol argachuun raggaasifameera.

Ambaasaaddar Taayyeen, galmoota misooma waaraa milkeessuuf tattaaffiiwwan taasifamaniin hanqinaale mul’atan sirreessuuf gahe olaanaa akka qabaatu kaasaniiru.

Biyyoonni hiyyummaa hir’isuuf tattaaffii taasisan hammattoo imaammataa ofii isaaniin deeggarsi akka taasifamuu fi dhimmichaaf kutannoo siyaasaa akkasumas xiyyeeffannaa akka qabaatu gaafataniiru.

Itiyoophiyaan adeemsa marii sanadoota raggaasifamaniirratti hirmaannaa taasisaa turuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ragga’uun sanadichaa sadarkaa idil addunyaatti hiyyummaa, hongee, jijjiirama qabeenya qilleensaa, walitti bu’iinsa, weeraraa fi teeknooloojiiwwan haaraan walqabatee balaawwan dhufuu danda’an wayita dabalaa jiranitti, deebii waloo fi furmaata kennuuf carraa uumaan kan itti amanamu ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.