Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Paartii Badhadhinaa Adaamaatti hojiilee misoomaa dawwatan

Finfinnee, Fulbaana 12, 2017 (FBC)- Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaatti hojiilee misoomaa garagaraa dawwataniiru.

Hoggantoonni kunneen daawwannicharatti akka biyyaatti wabii nyaatan of danda’uuf galma qabame milkeessuuf hojiilee eegalamaniif argisiistuu ta’uu kaasan.

Leenjii hoggantootaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaatti kennamaa jiru itti fufeera.

Hoggantoonni olaanoon kunneen leenjichaan cinaatti hojiilee misooma Paappayyaa, Avokaadoo, horsiisa lukkuu, bu’aalee beeyladaa fi kanneen biroon naannawaa Magaalaa Adaamaatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Leenjiin kennamu qabatamaa ta’aa jiraachuu hubachuu fi Paartichi wabii nyaataa biyyattii mirkaneessuuf galma qabaterratti xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Naannawaalee hundaatti hojiilee eegalaman daran cimsuuf daawwannichaan muuxannoo qooddachuun ibsaniiru.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.