Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti horsiisee bultoonni kuma 50 fi 700 ol miseensa Inshuraansii beelladaa ta’uuf galmaa’uun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2017 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti horsiisee bultoonni kuma 50 fi 715 ta’an miseensa inshuraansii beelladaa ta’uuf galmaa’uu Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bultootaa beeksise.
Hogganaa Itti Aanaan Biirichaa Obbo Roobaa Turceen akka himanitti, horsiisee bultoonni naannichaa sababa hongeen miidhaa gahu akka dandamataniif hojiilee hedduun hojjetama jira.
Haaluma kanaan horsiisee bultonni miseensa Inshuraansii beelladaa akka ta’an, misooma qonna jallisii babal’isuu fi misoomaa nyaata beelladaarratti xiyyeeffannoon hojjetama jira jedhaniiru.
Biirichatti Daayrektarri Pirojeektii hir’isa Sodaa Balaa fi Inshuraansii Beelladaa Naannawwaa Horsiisee Bultootaa Obbo Ayyalee Qana’aa gama isaaniin inshuraansii beelladaa dhiheesuun cinaatti eeggannoo duraa, hubannoo fi ijaarsa dandeettii irratti hojjetamaa jira jedhaniiru.
Hanga ammaati abbotiin warraa kuma 50 fi 715 ta’an miseensa Inshuraansii beelladaa ta’uuf galmaa’uu dubbachuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.
Barana horsiise bultoota kuma 30 miseensa inshuraansii beelladaa taasisuuf karoorfamee hojiin jalqabamuu eeranii kanaanis kanfaltiin inshuraansii Birrii miiliyoona 120 walitti qabuuf karoorfamuu himaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.