Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Zuwaay Dugdaatti manneen jireenyaa kenna tajaajila lammummaan ijaaraman fayyadamtotaaf dabarfaman

Finfinnee, Fulbaana 10, 2017 (FBC) – Godina Arsii Aanaa Zuwaay Dugdaatti manneen jireenyaa kenna tajaajila lammummaan Birrii miiliyoona 541 oliin ijaaraman fayyadamtotaaf dabarfamaniiru.

Aanichatti ganna kana kutaalee hawaasaafi qaamolee garagaraa hirmaachisuun kenna tajaajila lammuummaan manneen jireenyaa hawaasa harka qalleeyyii 400 oliif Birrii miiliyoona 541 oliin ijaaramuun dabarfamuu bulchaan Aanaa Zuwaay Dugdaa Obbo Nuuraa Saafawoon eeraniiru.

Godinichatti Ganna kana ijaarsa manneen Harmee dabalatee kenna Tajaajila lammummaatiin Birrii biiliyoona 20tti siqu raawwachuuf karoorfamee hojjetamaa jirachuu himameera.

Abdallaa Amaantu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.