Fana: At a Speed of Life!

Piriimeer Liigiin Itiyoophiyaa bara 2017 kan kilaboota 19 walfalmisiisu har’a ifatti eegala

Finfinnee, Fulbaana 10, 2017 (FBC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2017 tapha har’a Maqalee 70 Indartaan Hadiyyaa Hoosaa’inaa waliin taphatuun eegalama.

Tapha har’a Maqalee 70 Indartaan waaree booda sa’aatii 10:00 irraa eegalee Hadiyyaa Hoosaa’inaa waliin taphataniin eegalama.

Galgala sa’aatii 1:00 jalqabee Aarbaa Minci Dirre Dhawaa waliin taphata.

Boru ammoo waaree booda sa’aatii 10:00 eegalee Magaalaan Walqixxee Machaal kan keessummeessu yoo ta’u, galgala sa’aatii 1:00 jalqabee Yuunivarsiitiin Walwaaloo Addagiraat Magaalaa Bahirdaar waliin taphata.

Taphoonni torbee jalqabaa kun hanga Fulbaana 13, 2017tti itti fufuun kan taphatamu ta’uu ragaan fuula Piriimeer Liigichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.