Fana: At a Speed of Life!

Adeemsi marichaa hirmaachisaa fi hammataa akka ta’u tumsuun gahe hundaati-KMB

Finfinnee, Fulbaana 9, 2017 (FBC)- Adeemsi marii biyyaalessaa hirmaachisaa fi hammataa akka ta’u tumsuun gahee hundaa ta’uu akka qabu Komishinarri Marii Biyyaalessaa hubachiise.

Komishinichi Paartii Sirna Gadaa Bilisummaa Oromoof, Paartii Diimokiraasii fi Haqaa Agawu, Paartii Dimokiraasummaa Moochaa waliin waloon hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteesseera.

Paartileen kunneen komishinicha waliin hojjechuun adeemsa marichaa tumsuuf fedhii akka qaban ibsaniiru.

Duraan adeemsa marichaarratti hirmaachuu keessaa of qoqqobanii akka turanii fi amma hirmaachuun barbaachisaa ta’uutti amanuun adeemsicha keessatti hirmaachuuf akka qophaa’an dubbataniiru.

Komishinarri Komishinichaa Pirofeesar Masfiin Ar’ayaan akka jedhanitti adeemsi marii biyyaalessaa hirmaachisaa fi hammataa akka ta’u tumsuun gahee hundaa ta’uu qaba.

Paartileen duraan adeemsa marichaa keessaa of qoqqobanii turan amma komishinicha waliin hojjechaa jiraachuu yaadachiisanii, dhaabbileen siyaasaa biroonis qaama marichaa akka ta’an waamicha dhiyeessuu ragaan komishincharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.