Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti kabaja Ayyaanoota Masqalaafi Irreechaa ilaalchisee Jaarmiyaalee Dargaggootaafi Dubartoota Waliin mari’atame

Finfinnee, Fulbaana 9, 2017 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti kabaja Ayyaanoota Masqalaafi Irreechaa ilaalchisee Jaarmiyaalee Dargaggootaafi Dubartoota Waliin mari’atameera.

Ayyaannni Masqaalaa fi Irreechaa karaa Safuufi duudhaa ayyaanichaa eegeen akka kabajamuuf Jaarmiyaalee dargaggootaafi dubartoota kutaalee Magaalaa hundaarra walitti babba’an waliin mari’atameera.

Itti Gaafatamaa ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Shaggar Obbo Abduljaliil Abdurroo, Irreechii faajji obbolummaafi tokkummaa uummataa oromoo ta’uu eeraniiru.

Irreechi bara kana karaa aadaa fi duudhaa eeggateen akka kabajamuufi gaheen dargaggootaafi hawaasaa bal’aa olaanaa ta’uu kaasuu ragaan Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.