Fana: At a Speed of Life!

Sirni Damaraa fi Irreechi rakkoo nageenyaa malee akka kabajamuuf qophiin taasifamaa jira-Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Fulbaana 9, 2017 (FBC)- Sirni damaraa Masqalaa fi Irreechi rakkoo nageenyaa malee akka kabajamuuf qophii gahaan taasifamaa jiraachuu Poolisiin Federaalaa Beeksise.

Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa biroo waliin waltajjii waloo gaggeesseera.

Waltajjichaan sagantaalee guyyoota Qaammee keessa gaggeeffaman aayyaanota jijjiirraa bara haaraa fi Mawulidni rakkoo nageenyaa tokko malee milkaa’inaan kabajamuu ibsameera.

Dhoksaan Magalaa Finfinnee seenuuf kan yaalan miseensota Shanee fi garee fiinxaaleyyii to’annoo jala oolchuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuun himameera.

Magaalattiitti gurmaa’uun bilbila moobaayilaa butuu fi yakkoota garaagaraa kanneen raawwataa turaanis to’achuun qoratamaa jiraachuun ka’eera.

Hojiilee ittisa yakkaa hojjetamaa jiruun yeroo ammaa haalli nageenya Magaalaa Finfinnee sadarkaa amansiisaarratti akka argamu ibsameera.

Fuuldurattis, sirna Damaraa Masqalaa fi Irreechi kan ummanni heddumminaan dirreetti ba’uun kabaju rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamuuf qophii cimaan taasifamaa akka jiru eerameera.

Humnoonni nageenyaa hedduun akka bobbaafaman, teeknooloojiiwwan ammayyaa heddumminaan akka hojiirra oolfamanis eeramuu ragaan Poolisii federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.