Fana: At a Speed of Life!

Ce’umsa haqaaf miidiyaaleen gahee isaanii akka bahatan gaafatame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2017 (FBC)- Ce’umsi haqaa raawwii guutuu akka qabaatuu fi haqa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamuuf miidiyaaleen gahee olaanaa bahachuu qabu jedhame.

Karoora fuulduree raawwii fi imammata ce’umsa haqaarratti hoggantootaa fi ogeeyyii miidiyaaleef waltajjiin leenjii Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Ministir Deetaan Ministeeraa Haqaa Dooktar Ermiyaas Yemaanebirhaan, ce’umsi haqaa sirna diimokiraasii guutuu ta’e ijaaruuf tattaaffii taasifamu kan tumsuudha jedhan.

Ce’umsi haqaa lammiilee miidhaman hirphuu, nagaa, tasgabbii, araaraa fi olaantummaan seeraa yoo mirkaneessu, biyya ijaaruufis bu’uura akka qabaatu himaniiru.

Rakkoolee Itiyoophiyaatti mudatan furuuf hojjetamaa akka jiru kaasanii, biyya nagaa fi dimokiraasiin keessatti mirkanaa’e ijaaruuf ummanni hirmaannaa taasisuu akka qabu dubbataniiru.

Miidiyaaleenis itti gaafatama barsisuu fi hubachiisuu akka qabanii fi ce’umsi haqaa raawwii guutuu akka qabaatuu fi haqa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamuuf gahee isaanii bahachuu qabu jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.